Of eeggannoo Jecha Darbii (Password Caution)

Password Caution

Warri Facebook namaa butu maloota ijoo asii gadii 3’n keessaa tokko faayyadama. isin ammoo sadeenuu sirritti hubadhaa irraa of tiksaa.

1. Mala Hawaasummaa (Social Engineering)

Malli kun salphamatti dadhabina keessanitti faayyadamuun akkaawuntii Facebook keessan bananii seenu jechuudha, inniis karaalee hedduu of keessaa qaba muraasni isaanii:-

  • Passwordi keessan tilmaamuu. kana jechuun lakkoofsa bilbila keessan itti yaalu, yoo dide maqaa keessan itti yaalu. kanaas yoo dide lakkoofsa fi maqaa keessan akka yeroo baay’ee namootni biroo faayyadamanitti wal keessa laaqun itti galchuuf yaalu. akkasuma akkaataa qubeeleen keyboard irra jiran ittiin tarreeffaman kan yeroo baay’ee namoonti faayyadamaniin yaaluu danda’u.
  • Forget password ka jedhuun filannoowwan facebook fiduun isin fakkaatanii seenuf yaalu. malli Forgot password gochuu kun facebook qofa osoo hin taane email keessaniis maluma kanaan seenuf yaalu. Fkn, namichi Facebook keessan hatuu barbaade kun email keessan qabaannan bakka isin jalqaba email itti banattan deemun Forgot password gochuun filannoo dhufuun yaala. kana jechuun dursa email keessan seenaa, boodarra facebook seena jechuudha.

2. Qurxummeessuu (Physhing)

Akka mala kanaatti dura warri passwordi isin jalaa hatuu barbaade websaayitii Facebook fakkaatu hojjatanii liinkii isaa isinitti ergu booda yeroo isin liinkii sana bantan websaayitii fuula Facebook cufame fakkaatutu isinitti dhufa isin ammoo weebsaayitii facebook isinitti fakkaatee password fi email itti guuttanii ‘login’ ka jedhu tuqxu. eega isin login tuqxan booda liinkichi gara warri liinki isinitti erge ajaje isin fida. (bakka bu’aa hin qabne isin fida jechuudha) Password fi Email keessan ammoo warroota liinkii isinitti erge bira dhaqa.

Malli Qurxummeessuu jedhamu kun yeroo ammaa baay’inaan hojirra oolaa jira. liinkii madda amansiisaa irra dhufe malee kanuma agartan hunda hin baninaa. irra caalatti karaa keessaatiin namni maalummaan isaa hin beekamne liinkii isinitti erginaan ija shakkiitin ilaaluu qabdu.

3. Keylogger

Keylogger jechuun akaakuu softweerota password fi email dabalatee wanta isin keyboard keessan faayyadamtanii barreessitan hunda galmeessu jechuudha. qubee, lakkoofsa fi mallattoo adda addaa isin tuqxan hunda galmeessaa deema.

Keylogger Gosa lamatu jira: inni tokkoffaa waan isin keyboard faayyadamtanii barreesitan hundaa galmeessee kompiitara ykn mobaayila keessan keessatti save godha. booda namichi bakka waan beekuf kompiitara ykn mobaayila keessan argannaan faayilii san banee laala. waan isin barreessaa turtan hunda arga waan ta’eef achi keessaa passwordi keessan barbaada jechuudha. Malli kun salphaadha nama nuyii waliin jiraatutu yeroo hedduu nurratti dalaguu danda’a.

inni lammataa ammoo namichi isin irraa fagoo taa’ee halaalatti vaayirasii Keylogger kompiitaraa yookiin mobaayilaa keessan keessa galcha, karaa hedduu faayyadamuun mobile/computer keessan keessa seensisuu danda’a. booda vaayirasiin Keylogger sun waan isin keyboard faayyadamtanii barreesitan hundaa qubee, lakkoofsa fi mallattoo isin tuqxan guuree namichaaf erga jechuudha. Mala kana nama dandeettii hacker qabutu fageenya taa’ee nurratti dalaguu danda’a.

More from the blog

  • Bolehkah Mesin Mempunyai Akhlak? Menavigasi Landskap Etika AI

    Bolehkah Mesin Mempunyai Akhlak? Menavigasi Landskap Etika AI

    Pada zaman teknologi yang semakin pesat membangun, implikasi etika Kepintaran Buatan (AI) telah menjadi subjek penelitian yang mendalam. Apabila sistem AI menjadi lebih canggih, persoalan timbul: Bolehkah mesin mempunyai moral?…

  • AI Pergi ke Sekolah: Pembelajaran Peribadi dan Masa Depan Pendidikan

    AI Pergi ke Sekolah: Pembelajaran Peribadi dan Masa Depan Pendidikan

    Dalam landskap pendidikan yang sentiasa berkembang, Kecerdasan Buatan (AI) sedang mengorak langkah yang ketara, membawa kepada era pembelajaran yang diperibadikan. Artikel ini meneroka kesan transformatif AI dalam bilik darjah, menerangkan…

  • Masa Depan dalam Poket Anda: Bagaimana AI Mengubah Telefon Pintar dan Apl Anda

    Masa Depan dalam Poket Anda: Bagaimana AI Mengubah Telefon Pintar dan Apl Anda

    Dalam landskap teknologi yang sentiasa berkembang, Kepintaran Buatan (AI) telah menjadi kuasa transformatif, merevolusikan keupayaan telefon pintar dan aplikasi yang mendiaminya. Artikel ini meneroka kesan mendalam AI pada peranti bersaiz…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *